Doktar Abiy Ahimadiifi Obbo Dammaqaa Mokonniin Jigjigaa gala

109

Fulbaana 27/2015(TOI) - Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaa Dooktar Abiy Ahimadiifi Itti aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Dammaqaa Makonnin Yaa’ii Koree Hojii Raawwachiistuu paartichaarratti hirmaachuuf Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaa galaniiru.

Wayita achi gahanitti pirezdaantii naannichaa Obbo Musxafee Mahaammad dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo federaalaafi naannooleetiin simatamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015