Biqilootni dhaabamaa turaniif kunuunsi barbaachisaan taasifamaa jira

136

Fulbaana 27/2015(TOI) - Dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa marsaa arfaffaan biqiltuun gosa garaagaraa Bililiyoona 4.41 ol dhaabaman kaayyoo barbaadameef akka oolaniif kunuunsi barbaachisaan taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Itti Aanaa Hoogganaafi Itti Gaafatamaan damee qabeenya uumamaafi wabii nyaataa Biiroo Qonna Oromiyaa obbo Eeliyaas Kadir akka himanitti sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuun gadda darbe dhaabamaniif kununsi barbaachisaan taasifama jira.

Hojii kunuunsa biqiltuu guutummaa Oromiyaatti gaggeeffamaa jiruun biqiltuu Ganna darbe dhaabame Bililyoonaa 4.41 keessaa biqiltuun 81.8% kunuunsa argachuu himaniiru.

Hojii kanarrattis uummanni miliyoona 7.1 ta'uu hirmaachuu obbo Eeliyaas himaniiru.Hawaasni bal'aan ammas hojii eegalame cimsuun karoora qabame galmaan ga'uuf cimee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru jechuun BDhKMNO gaabaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015