Gondor Lixaatti oomishinni Saliixaa gahe walitti qabamaa jira

73

Fulbaana 26/2015(TOI) - Naannoo Amahaaraa Godina Gondor Lixaatti Saliixinni lafa heektaara kuma 120 irratti oomishame sadarkaa qulqullinaan walitti qabamaa jiraachuu Qajeelchi Qonnaa godinichaa beeksise.

Qajeelchichatti dursaan garee misoomaa midhaanii obbo Geetinnat Kasahuun akka himanitti yeroon yoo walitti qabamuu baatee waan manca'uuf Oomisha Saliixaa ariitiin walitti qabuuf yaaliin taasifamaa jira jedhaniiru.

Oomishinni Saliixaa akka oomishaalee biroo yeroo waan namaaf hin kennineefi yoo yeroon walitti qabamuu baate yeroo gabaa keessatti lafatti kan harca'udha jedhaniiru.

Yeroo amma kanas oomisha Saliixaa gahee walitti qabuuf humna namaa kuma kuma 2000 bobbaasuun walitti qabuun akka jalqabame himanii, haga ammaattis oomisha lafa heektaara kuma 10 irra jiru walitti qabamuu dubbataniiru.

Oomisha Saliixaa godinicha haga xumura ji'a onkoloolessaatti walitti qabanii xumuruuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Oomisha Saliixaa oomishameerra Saliixa Kumataala kuma 600 walitti ni qabama jedhamee tilmaama. Oomishinni kunis qisaasama malee akka walitti qabamuuf ofeegannoon walitti qabama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015