Godinicharraa bara kana Buna toonii kuma 29 gabaa jiddugaleessaaf dhiheessuuf hojjetamaa

90

Fulbaana 25/2015(TOI) - Bara kana Buna toonii kuma 29 gabaa jiddugaleessaaf dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu Godina Gedi'ootti Waajjirri Bunaafi mi'eesituwwanii beeksise.

Waajjirichi haala walitti qabinsafi gurgurtaa oomisha Bunaarratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin magaalaa Dillaatti mariyateera.

Waltajjii marii kanarratti haala qabatamaa godinichi buna baa'inaafi qulqullina qabu oomishuuf qabun oomishuun galii fooyyee qabu akka irraa argamuuf qaamooleen dhimmi ilaallatu hundii qindoominaan hojjechuu akka qaban gaafatameera.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Gatuu Tafarraa waltajjii kanarratti akka dubbatanitti, godinichatti lafa heektara 70 irratti bunni oomishaa gahaa laatu oomishamuu himaniiru.

Godinicharraa bara oomishaa darbe bunni tooniin kuma 24 gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuu himaniiru.

Humna godinichi Bunaa oomishuuf qabuun buna qulqullinaafi baay'ina qabu oomishuun jiruufi jireenya qonnaan bulaa karaa itti fufinsa qabuun fooyyeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Sanyii bunaa fooyyee qabu qonnaan bulaaf dhiheessuun cinaatti, haala filannoo gabaa bal'isuun qonnaan bultoonni bu'aa dhamaatii isaanii kallattiin akka argatan hojii hojjetameen fooyyeen gaarii jiraachuus himaniiru.

Ta'uus garuu rakkoo qisaasama yeroo bunni funaanamu mudatuu, hanqina qulqullinaafi oomisha bunaa seeraana alaa daddabarsuun guufu hojii kana keessatti muli'atudha jedhaniiru.

Rakkoo kana furuun buna baay'inaafi qulqullina qabu gabaaf dhiheessuuf Dhiheesitoonni bunaa, Daldaaltoonnifi hoggantoonnii sadarkaan jiran qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru.

Bara kana Buna toonii kuma 29 gabaa jiddugaleessaaf dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu gonichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015