Fooramii Biizinasii Hariiroo Daldalaa Itiyoophiyaafi Qoophiroos Cimsu Qopheessuuf Waliigalteen Taasifame

78

Fulbaana 23/2015(TOI) Fooramii Biizinasii Hariiroo daldalaafi Invastimantii Itiyoophiyaafi Rippaabiliika Qoophiroos cimsu adeemsisuuf waliigalteen taasifame.

Ambaasaaddar Dammituu Hambisaa ministeera dhimma alaa Qoophiroositti Daarektara jeneraalaa dhimmoota Afriikaa jiddu galeessaafi bahaa Tesaalaa Saaliinaa Shaamboos waliin mari’ataniiru.

Haala yeroo dhimma waloo biyyoota lamaaniifi haala kaaba Itiyoophiyaa ambaasaaddar Dammituun ibsa taasisaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf dameewwan daldalaafi Invastimantiin waliin hojjechuuf haala danda’amurratti mari’ataniiru.

Fuula duraaf Fooramii Biizinasii Itiyoophiyaa –Qoophiroos qopheessuudhaan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf waliigalteerra ga’amuu Embaasii Itiyoophiyaa Roomitti argamu ibseera.

Ambaasaaddar Dammituu Hambisaa dhihoo kana qophii ayyaana bilisummaa waggaa 62ffaa riippaabiliika Qoophiroos irratti hirmaataniiru.

Pirezidaantii biyyattii Niikoos Anaastaasiitaadesn baga ittiin isin ga’e jechuun ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015