Ayyaanini Irreechaa Hora Finfinnee Nagaan Kabajamuusaa Humni Waloo nageenyaa Beeksise

81

Fulbaana 21/ 2015 (TOI) Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee kan bara 2015 karaa sirna Gadaa eeggateen nagaan xumuramuusaa humni waloo nageenyaa beeksise.

Qaamolee ayyaanichi nagaan akka xumuramu ga’eesaanii ba’an hundas galateeffateera.

Ayyaana kanarratti abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, anga’oonni mootummaa,  keessummoonni bakka addaddaa irraa dhufan, akkasumas daawwattoonni biyya alaarraa dhufan hirmaataniiru.

Qaamoleen nageenyaa miseensotaafi hoggantoota ramaduudhaan akkasumas ummata hirmaachisuudhaan hojii hojjetaniin ayyaanichi nagaan kabajamuusaa ibseera.

Jiraattonni magaalaa, qindeessitoonni ayyaanichaa, qaamoleen bulchiinsaa sadarkaan jiran, keessummoota ayyaanicha kabajuuf dhufan keessummeessuudhaan hojii hojjetaniin ala, qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uudhaan waan hojjetaniif nagaan kabajamuusaa eereera.

Ayyaanichi nagaan kabajamuunsaa magaalaattiif bu’a qabeessa ta’uu humni waloo kun eeree, qaamolee itti gaafatamasaanii ba’an hunda humni waloo kun galateeffateera.

Ayyaanni kun kan nagaa, kan gammachuu akka ta’u humni waloo kun hawwii qabu ibsaa, Irreechi guyyaa boruu hora harsadeetti kabajamu haala wal fakkaatuun nagaan akka kabajamu hawaasni qaamolee nageenyaa waliin akka dhaabatu ergaasaa dabarseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015