Ayyaanichi Akka Milkaa’u Ga’ee Olaanaa Kan Ba’e Ummanni Magaalaa Finfinnee Galata Guddaa Qaba-Kantiibaa Adaanech Abeebee

82

Fulbaana 21, 2015 (TOI) Ayyaanni Irreechaa “Hora Finfinnee” akka milka’uufi akka miidhsgu ga’ee olaanaa kan ba’e ummanni magaalaa Finfinnee galata guddaa qaba jedhan kantiibaan magaalaatti adde Adaanech Abeebee.

Ayyaanni Irreeshaa duudhaafi sirnasaa eegee “Hora Finfinneetti” nagaan kabajamee xumuramuusaa ilaalchiseen adde Adaanech galata dhiheessaniiru.

Ayyaani Irreecha magaalaa Finfinnee Hora Finfinneetti yeroo afraffaaf kabajamuusaa eeranii,  ayyaanni baranaa yoomiyyuu caalaa tokkummaan ummattootaa keessatti mul’atee, miidhagee miiliyoononni irratti hirmaatanii dammaqinaan kabajameera jedhaniiru.

Gareewwan shororkeessaa kasaaraa dirree waraanaatti isaan mudate bakka buusuuf ayyaanicha jeequuf socho’anis qindoomina ummata nagaa jaalatu, humnoota nageenyaafi raayyaa ummataatiin fashalaa’ee ummanni ayyaanicha nagaan kabajeera jedhan.

Ayyaanni kun akka milkaa’uufi miidhagu ga’ee olaanaa kan ba’e ummata Finfinnee galateeffatanii, keessummoota simatanii keessummeessuudhaan ayyaanichi nagaan akka kabajamu taasisuusaatiif galata guddaa qaba jedhaniiru.

Ayyaanni kun miidhagee nagaan akka xumuramu kan gootan abbootii Gadaa, haadholii Siinqee, Qeerroofi Qarree akkasumas Foolleewwan ni galateeffanna jechuun ibsaniiru.

Akkasumas qaamolee nageenyaa magaalaa finfinnee, miseensota raayyaa nageenyaa,danbii kabachiiftota , dargaggoota magaalichaa  galateeffataniiru adde Adaanech.

Hoggantoota sadaraa addaddaarra jiran, saboota, sab lammootaafi ummattoota ayyanichaaf dhufan, qaamolee miidiyaa galateeffataniiru.

Keessummoonni nagaan gara dhufanitti akka deebi’an miira jalqabameen akka gaggeessinuufi Irreechi guyyaa boruu Hora harsadeetti  kabajamu nagaan akka xumuramu tokko taanee ga’ee keenya akka baanu waamichan dhiheessa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015