"Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Nagaan Xumuramuunsaa milkaa’ina guddaadha”-Ob. Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

91

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee duudhaasaa eeggatee haala tokkummaafi waliin jireenyaa Itiyoohiyaanotaa cimsuun akka kabajamu kan nu gargaare uumaa keenya nan galateeffadha.

Qaamota Kabaji Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee milkaa’ee akka xumuramu taasisan galateeffachuun barbaada.

Ayyaanni Irreechaa duudhaasaa eegee dhaloota dhalootatti akka darbu kan taasiftan, har’as dammaginaan akka kabajamu qooda guddaa kan baatanabbootii Gadaafi Haadholii Siinqee galatoomaa jechuun barbaada.

Ayyaanicha kan miidhagsitan Qeerroofi Qarree uffata aadaan faayamtanii maalummaa Irreechaa beeksisuurra darbitanii tokko tokko eeguudhaan nagaaf dhaabattanii gumaacha taasiftaniif galatoomaan jedha.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee hundi waan qabdaniin keessummoota keessan kabajaan simattanii keessummeessuudhaan jaalala agarsiiftaniif maqaa koofi maqaa mootummaa naannoo Oromiyaatiin galatan isiniif dhiheessa.

Hunda caalaa aduufi qorra osoo hin jedhiin nageenya ummataaf jecha dhamaatanii ayyaanichi nagaan akka xumuramu kan taasiftan qaamoleen nageenyaa Federaalaa, Oromiyaafi bulchiinsa magaalaa Finfinnee galatan isiniif qaba.

Dhaabbileen miidiyaa biyya keessaafi biyya alaa kabajni ayyaana Irreechaa tuurizimii akka hawatu hawaasa addunyaaf kan beeksiftan galatoomaan jedha.

Xumurarratti, Irreechi magaalaa Bishooftuu Hora Harsadeetti guyyaa boruu kabajamu akkuma Hora Finfinnee duudhaasaa eegee nagaan akka kabajamu hawaasni hundi ga’eesaa akka ba’u ergaa dabarsaa ammas irra deebi’uudhaan ayyaana gaariin isiniif hawwa.

Ayyaana Gaarii

Shimallis Abdiisaa, pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa

Fulbaana 21,2015

Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015