Ummanni Naannoo Somaalee Raayyaa Ittisa Biyyaaf Loon Qalmaa Kuma 1 fi 200 Ol Deeggarsaan Kenne

100

Fulbaana 18/2015(TOI)- Ummanni Naannoo Somaalee raayyaa ittisa biyyaa shororkeessaa ABUT falmaa jiruuf loon qalmaa kuma 1 fi 200 ol deeggars taasiseera.

Deeggarsi yeroo lammaffaaf taasifame kun naannoo Somaalee godina Faafen aanaa Shabaleetti walharkaa fuudhinsi taasifameera.

Deeggarsa kun karaa kan sassaabame karaa walitti qabaa shangoo jaarsolii Garaad Kulmiyyuu Garaad Mahaammad ta’uun beekameera.

Walitti qabaan kun wayita kanatti akka jedhanitti, deeggarsa kana itti fufuudhaan raayyaa ittisa biyyaa cinaa dhaabachuusaanii ni mirkaneessu.

Deeggarsi kun raayyaa ittisa biyyaa diinota biyya keessaafi alaa balleessuudhaanf qabsaa’aa jiru cinaa dhaabbachuusaanii agarsiisuuf ta’uu mirkaneessaniiru.

Deeggarsi birrii miiliyoona 10tti tilmaamamu kun raayyaa ittisa biyyaaf kan ergamu ta’uu kan eeran walitti qabaan kun, qaamota deeggarsa kana taasisan galateeffataniiru.

Ummanni naanichaa deeggarsa kana cimsee akka itti fufu Geraad Kulmiyyee beeksisaniiru.

Shororkeessaa ABUT waggaa 30 darbe ummata Somaaleerratti dabaafi cunqursaa geessisuusaa yaadatanii gochisaa kun akka hin milkoofne ibsaniiru.Shororkeessaan garee Alshabaab naannoo Somaaleetti haleellaa raawwachuuf wayita yaaletti ummanni naannichaa raayyaa ittisa biyyaa cibaa dhaabatee deeggarsi taasise fakkeenya kan ta’edha jechuun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015