Sirni Barnootaa haaraan qulqullina barnootaa fooyyee qabu fiduufi dhaloota hojii uumuu danda'u horachuuf gahee olaanaa qaba - Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee

148

Fulbaana 18/2015(TOI) - Sirni Barnootaa haaraan bara kana hojiirra oolee qulqullina barnootaa fooyyee qabu fiduufi dhaloota hojii uumuu danda'u horachuuf gahee olaanaa kana bahuu danda'u ta'uu Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Magaalaa Finfinneetti sirni baruufi barsiisuu manneen barnootaa hundaatti Fulbaana 9/2015 jalqabuun isaa ni yaadatamaBara barnootaa kanatti sadarkaa biyyaatti sirni barnootaa haaraan kutaa 1ffaa hanga kutaa 8ffaatti guutummaatti hojiirra kan oolee jiru yoo ta'u, kutaa 9ffaafi 10ffaatti immoo naannolee hundaatti manneen barnootaa muraasa keessatti yaaliif jalqabeera.

Sirna barnootaa haaraa kana ilaalchisuun TOI waliin turtii kan taasisaan hogganaan biiroo barnootaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Zalaalem Mulaatuu, sirni barnootaa haaraan kun bifa baay'een biyyaafi lammileef fayidaa guddaa kan qabudha jedhaniiru.

Sirni barnootaa haaraan qulqullina barnootaa fooyyee qabu barnoota gochaarratti hundaa'e kennuun dhaloota hojii uumuu danda'u oomishuuf yaalii taasifamaa jiru keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Qophii Kitaabolee barnootaa ilaalchisee yaada laataniin yeroo yeroon gabbifamaa kan deemu ta'uu himanii, hojii qulqullina barnootaa foyyeessuuf taasifamu caalaatti cimee itti fufa jedhaniiru.

''Yaanni barachuu, Beekuu, Hojjechuu, waliinta'uu, ta'anii argamuu'' ta'uu himuun yaadota kana haala gaariin hojiirra dhaloota oolichu horachuuf imaammata foyyeessuun barbaachisuu himaniiru.

Sirni barnootaa haaraan dhaloota afaan hudduu beeku, kan naamusa gaarii qabuufi hojii uumuu danda'u oomishuuf murteessadha jedhaniiru.

Bu'aan barbaadamu akka argamuuf hojiirraa oolimaasaarratti xiyyeeffannoon manneen barnootaa keessatti hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015