Fayyadama Dinagdee Mirkaneessuufi Hiyyummaa Hir’isuuF Taaksii Qabeenyaa Hojiirra Oolfamuu Qaba-Af yaa’ii Aganyoo Tashaagar

74

Fulbaana18/ 2015 (TOI) Fayyadama dinagdee haqa qabeessa mirkaneessuufi hiyyummaa biyyattii fooyyessuuf taaksii qabeenyaa hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e af yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar dubbatan.

Af yaa’iin kun kana kan jedhan qorannoo qaraxa qabeenyaa taasifameefi seera qaraxaa ilaalchisee kanneen qaamni ilaalu waliin marii qophaa’e irrattidha.

aaksiin qabeenyaa sadarkaa federaalaafi naannoleetti hojiirra akka oolu qorannoo taasifame irratti kanneen dhimmichi ilaallatu Finfinneetti mari’achaa jiru.

Miseensonni mana maree lamaaniifi hooggantoonni mootummaa federaalaafi naannolee marii kanarratti hirmaataniiru.

Waltajjiin kana ilaalchisuun af yaa’iin kun ergaa dabarsaniin, maalummaan taaksii qabeenyaa addadda yoo ta’u, biyyoota guddataniifi guddachaa jiranitti erga hojiirra oolee tureera.

Biyya keenyatti qabeenya biyyaa karaa haqa qabeessaa fayyadamuufi tajaajiloota mootummaa bu’uraa lammiileen ga’uuf taaksii qabeenyaa hojiirra oolchuudhaan madda galii guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Dhimma kana kan qoratan mana maree lamaan akkasumas federaalaafi naannoleerraa kan walitti baba’an ta’uus ibsaniiru.

Qorannichi dhiibbaa dinagdee biyyattiirra jiruufi dhimmoonni taaksii ilaalchisuun heera mootummaatiin tumaman akkasumas muuxannoo biyyoota biroo akka qabate eeraniiru.

Haala biyyaa amma jiruun qaraxa qabeenyaa hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu qorannoo kanaan ilaalamuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015