Qopheessummaa Itoophiyaan kan geggeeffamurratti hirmaachuuf gareen Kubbaa Miilaa biyyoota hirmaattota 'CECAFA' umrii 17 gadii Finfinnee galaa jiru

81

Fulbaana 18/2015 (TOI)- Qopheessummaa Itoophiyaan kan geggeeffamurratti hirmaachuuf gareen Kubbaa Miilaa biyyoota hirmaattota Mana maree kubbaa miillaa Bahaafi Jiddugala Afrikaa (CECAFA) umrii 17 gadii Finfinnee galaa jiru.

Dorgommichi Fulbaana 21/2015 hanga Onkolooleessa 9/2015tti Finfinnee Istaadeemii Abbabaa Biqilaatti jalqabama.

Taphichaarratti kanneen hirmaatan keessa gareen Kubbaa miillaa Sudaan Kibbaa, Somaaliyaafi Burundii kaleessa galgala Finfinnee galuu isaanii Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksiseera.

Taphichaan ramaddii jalqabaan Itoophiyaa, Taanzaaniyaa, Eeritiriyaa, Somaaliyaafi Sudaan Kibbaa ramadamuu eerameera.

Ramaddii 2ffaa jalatti Yuugaandaa, Jibuutii, Ruwaandaa, Sudaaniifi Burundiin ramadamuu ibsameera.Haa ta’u malee, biyyoota hirmaatan keessaa Eertiriyaa fi Ruwaandaan hanqina baajataan walqabatee dorgommicha keessaa of baasaniiru.

Dorgommichaan gareewwan biyyaalessaa 1ffaa fi 2ffaa bahan Zoonii 'CECAFA' bakka bu’uudhaan Aljeeriyaatti baatii Amajjii bara 2015 kan gaggeeffamu Shaampiyoonaa Kubbaa Miilaa Umrii 17 gadii Afrikaarratti ni hirmaatu.

Ramadii lamaan qoodamee dorgommii gaggeeffamu kanarratti Itoophiyaa dabalatee biyyoonni 10 ni hirmaatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015