Itiyo telekoom Tarsiimoo Guddinaa Dhaabbatichaa Kan Waggoota sadan dhufanii Ifa Taasise

169

Fulbaana 16/ 2015(TOI) Itiyoo telekoom karoora tarsiimoo guddinaa dhaabbatichaa karoora waggoota sadan dhufanii ifa dodhe.

Dhaabbatichi tarsiimoo guddinaa waggoota sadan dhufaniifi karoora hojii kan waggaa kanaa guyyaa har’aa ifa taasiseera.

Hojii raawwachiiftuun kaampaanichaa Fireehiwoot Taammiruu wayita kanatti akka jedhanitti, tarsiimoo waggoota sadan darbaniin dhaabbatichi oppireetarii telekoomii ga’oomaa, dorgomaafi filatamaa akka ta’u bu’uura kaa’uusaa ibsaniiru.

Waggoota sadii keessatti lakkoofsa maamiltootaa miiliyoona 37 irraa gara miiliyoona 66tti guddisuudhaan dhibbantaa 75 akka dabalu taasisuusaa ibsaniiru.

Galii galchuudhaanis dhibbantaa 76 ga’uun danda’amuusaa dubbataniiru.Istiraateejiin haaraan kan waggaa sadii itiyoo telekoom “Liid” jedhamu Adoolessa bara 2014 irraa eegalee hojiirra oolaa jira jedhaniiru.

Waggoota sadan dhufanitti tarsiimoon kun tajaajila komunikeeshiniifi faayinaansii dijitaalaa dhiheessuudhaan tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa Itiyoophiyaa si’eessuurratti xiyyeeffannoodhaan ni hojjeta jedhaniiru.

Gabaa telekoomii keessatti ga’ee olaanaa qabachuushaan qaqqabiinsaafi itti quufiinsa tajaajilaa guddisuuf akka hojjetu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015