Itiyoo Telekoom Birrii miiliyoona 3 oliin Manneen Kitaabaa Dijitaalaa Ijaare

140

Fulbaana 14/2015 (TOI) Itiyoo telekoomiin riijinii bahaa baasii birrii miiliyoona 3 oliin manneen kitaabaa dijitaalaa ijaareera, barattoota maatiinsaanii harka qalleeyyiifis deeggarsa taasiseera.

Daarektarri oppireeshinii Itiyoo telekoomii riijinii bahaa ob. Xaasoo Shimallis akka jedhanitti manneen kitaabaa dijitaalii kunneen dhaloonni dorgomaa idil addunyaa akka ta’u ni gargaaru jedhaniiru.

Manneen kitaabaa kunneen mana barmootaa sadarkaa lammaffaa Odaa Bultum magaalaa Cirootti argamuuf kan ijaarame ta’uu dubbataniiru.

Manneen Kitaabaa kanneeniif kompiitaroonni 21, Teessoofi minjaalli sadarkaasaanii eeggatan, akkasumas maashiniin maxxansaafi intarneetii faayibarobtiiksii meegaa baayitii 11 guutamuun ibsameera.

Manni kitaabaa kun barmoota teekinooloojiin deeggarame kennuuf waan dandeessisuuf dhaloota rakkoo hiiku horachuuf faayidaansaa olaanaadha jedhaniiru.

Kana malees dhaabbatichi dabtaraafi iskiriibtoo darzana 500 ol ta’u barattootaaf deeggarsa taasisuusaa dubbataniiru.

Itti gaafatamaan waajjira barmootaa godina Harargee lixaa ob. Awwal Abdallaa, Itiyoo Telekoom barattoonni addunyaa waliin akka wal argan waan taasiseef galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015