Gochi Shororkeessotaa Badhaadhina Itiyoophiyaa Dhugoomsuu Irraa nundhaabu-Tajaajila komunikeeshinii mootummaa

98

Fulbaana 14/ 2015(TOI) – Gochi shororkeessotaa badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuraa nundhaabu jechuun tajaajilli komunikeeshinii mootummaa iba kenneen beeksise.

Shororkeessaa Shaneen jidduu kana Horro Guduruu Wallaggaatti jiraattotaafi miseensota milishaa irratti ajjeechaa raawwachuusaa ibsa TOIf ergeen beeksiseera.

Oromiyaa lixaa naannawoota addaddaatti qaamolee nageenyaafi ummataan tarkaanfiin irratti fudhatamaa kan jiru shaneen faffaca’uudhaan Horro Guduruu Jaardagaa Jaarteetti baqachaa akka ture beekameera jedha ibsi kun.

Shororkeessaa Shaneen ajjeechaa kana kan raawwate sababoota lamaan akka ta’e beekameera jedhameera.

Kan jalqabaa guyyaa kaleessaa kan kan galaafataman ajajaa shanee naannawichaa jaal Urjiifi jaleesaanii haaloo ba’uuf yoo ta’u, kan lammataa ammoo ayyaaneffannaawwan Masqalaafi Irreechaa jeequuf akka ta’e ibsi kun ni mul’isa.

Kutaaleen hawaasaa addaddaa naannawa sanatti argaman yeroo ammaa qaamolee nageenyaa waliin qindaa’anii shororkeessaa shanee qulqulleessaa jiru jedheera.

Tarkaanfiin badii shororkeessitoonni geessisaa jiran badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf nundhaabsisu jedheera ibsi kun.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015