Duudhaalee Aadaa Sadarkaa Idil-Addunyaatti Beeksisuuf Hojjetamaa Jira-Biiricha

117

Fulbaana 14/2015 (TOI) Duudhaalee sabootaa tokkummaafi nageenyaaf shoora guddaa qaban sadarkaa idil addunyaatti beeksisuuf hojjetamaa akka jiru biiroon aadaafi tuurizimii naannoo Kibbaa beeksise.

Siimpooziyeemiin aadaa,  afaaniifi seenaa saba Hadiyyaa magaalaa Hoosaa’inaatti banameera.

Ayyaaneffannaawwan sablammootaa tokkummaafi nageenyaaf shoora olaanaa qaban kan naannicha keessaa akka beeksifaman hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan biiroo ob. Hayilamaaram Tasfaayee ibsaniiru.

Duudhaaleen kunneen hojjetanii badhaadhuu, walkabajuu, naamusa, abdii kan namatti horaniifi dhibaa’ummaa, kan balaaleffatan waan ta’aniif adeemsa badhaadhinaa keenyaaf itti fayyadamuun human dabalataa akka ta’an himameera.

Gama siyaasaanis qabsoo karaa nagaafi yaadaan caaluu kan jajjabeessan ta’uus ibsaniiru.

Lammiilee  sababatti amanani, dhiibbaa uumaniifi  biyya ceesisuu danda’an akka uumaman duudhaaleen akka Yaahodee biyya irra darbee sadarkaa idil addunyaatti akka beeksifaman yaaliin jalqabamuu dubbatamniiru.

Aadaaleen kunneen qabiyyee isaanii eeggatanii dhalootatti akka darban sanada ta’anii akka taa’an qorannoofi qu’annoowwan addaddaa adeemsisuudhaan hojiin beeksisuu hojjetamaa jira jedhaniiru.

Bulchaan godina Hadiyyaa ob. Abrahaam Macee , sabni hadiyyaa duudhaalee birmadummaan biyyaa eegamee akka turu taasisan hedduu akka qabu beeksisaniiru.

Bulchiinsi godinichaa duudhaalee ummataa cimsee itti fufsiisuuf xiyyeeffannaan akka hojjetu himaniiru.

Ayyaaneffannaan Yaahodee ayyaana waliin nyaachuufi waliin dhuguun gammachuun kabajamu ta’uu kan himan ammoo itti gaafatamaa qajeelcha aadaafi tuurizimii godinichaa ob. Tasfaayee Ristuuti.

Wayita kanatti kan wal lole walii dhiisee bara haaraa kan itti simatamu yoo ta’u, kun ammoo garaagarummaa dhiphisuudhaan tokkummaafi nageenyi lammiilee jidduutti akka cimu nitaasisa jedhaniiru.

Haala kanaan Yaahodeen Hadiyyoota biratti fakeenya nageenyaa ta;eetu fudhatama.

Sadarkaa itti aanaa bulchaa naannootti qindeessaan kilaastera hawaasaafi itti gaafatamaan biiroo barmoota naannoo Kibbaa doctor Dillaamoo Otoroo , itti gaafatamaa itti aanaan  waajjira paartii naannoo kibbaafi damee siyaasaa ob.sintaayyoo W/mikaa’el dabalatee keessummoonni argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015