Hawaasni ayyaana daamaraa masqalaaf kan itti fayyadaman Daamaraafi Gucinni balaa abiddaa akka hin uumnee ofeeggannoo cimaa taasisuu qaba

57

Fulbaana 13/2015(TOI) - Hawaasni ayyaana daamaraa masqalaaf kan itti fayyadaman Daamaraafi Gucinni balaa abiddaa akka hin uumnee ofeeggannoo cimaa taasisuu akka qabu Komishiiniin Abiddaafi hoggansa balaa hubachise.

Yeroo Daamaraan daamaramuu sarara Elektirikii fi Telee, Buufata boba'aa, Garaajii akkasuma bakkeewwan waantoonni ibidda qabsiisuu danda'aan jiran irraa fagaachuun daamarachuun barbaachisaadha jedheera.

Ayyaanni Daamaraa masaqalaa bakkeewwan bali'inaan itti kabajamu keessaa bulchiinsi magaalaa Finfinnee isa tokkodha.Ayyaanni kun Fulbaana 16/2015 dhufu addabaabayii Masqalaafi bakkeewwan birootti bakka abbootiin amantaafi hordoftoonni amantaa argamanitti ni kabajama.

Komishinichatti Ogeessii dubbi himaa obbo Nigaatuu Maammoo TOItti akka himanitti Komishiinichi yeroo kabaja ayyaana Daamaraa masqalaa balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo akka hin uumane ittisuufi to'achuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Wixata dhufu irraa jalqabee ogeeyyiin to'annoo yeroo balaa bakkeewwan daamaraan itti daamaramutti sakata'insa sodaa balaa raawwachuun hojii to'annoo hojjechuuf qophaa'aniiru.

Kanaanis yeroo Daamaraan daamaramuu sarara Elektirikii fi Telee, Buufata boba'aa, Garaajii akkasuma bakkeewwan waantoonni ibidda qabsiisuu danda'aan jiran irraa fagaachuun daamarachuun barbaachisaadha kallatti kan laatan ta'uu himaniiru.

Jiraatoonni magaalichaas yeroo gucaawwanitti yeroo ibidda qabsiifataan balaa ibiddaa akka hin uumne ofeeggannoo cimaa akka taasisaan waamicha taasisaniiru.

Ayyaanichi balaa tokko malee akka kabajamuuf bakkeewwan tokko tokkootti hawaasa hubachiisaa jiraachus himeera.

Maatiin daa'imman isaan akka 'Richiitii' hin dhukaasnee dhorkuun balaarra akka of baraaranis hubachiisaniiru.

Balaan humnaa ol ta'ee yoo mudate hawaasni sarara bilbilaa komishinichaa 011 155 53 00 ykn 011 156 86 01 akkasuma sarara bilbila bilisaa 939 irratti bilbiluun beeksisuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015