Ministeerichiifi Dhaabbileen Itti waamamaasaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf Deeggarsa Birrii Mi. 42 Olitti Tilmaamamu Taasisan

116

Fulbaana 13/2015/TOI/ Ministeerri geejjibaafi lojistiiksiifi dhaabbileen itti waamamaasaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa maallaqaafi addaddaa birrii miiliyoona 42tti tilmaamamu taasisaniiru.

Ministirri ministeerichaa adde Daagimaawiit Mogos deeggarsicha de’eetaa ministeera ittisaa adde Maartaa Liwiijiif kennaniiru.

Adde Daagimaawiit wayita kanatti, deeggarsichi raayyaa ittisa biyyaa shororkeessaa ABUT daandii nageenyaa fudhachuu dide qolachaa jiru cinaa dhaabachuu isaanii agarsiisuuf akka ta’e eeraniiru.

Ministeerichiifi dhaabbileen itti waamamaasaa kana dura deeggarsa addaddaa taasisaa akka ture yaadatanii, kana boodas eggama dabalataa  ba’uuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Deeggarsicha kan fudhatan adde Maartaa Liwiij deeggarsa taasifameef  galateeffatanii, dhaabbileen kun deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Hooggantoonniifi hojjettoonni dhaabilee kanneenii deeggarsa maallaqaafi addaddaa alatti raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.

Raayya ittisa biyyaa lubbuusaa kennaa jiruuf dhiiga kennuun kennaa xiqqaa ta’uus ibsaniiru.

Deeggarsa maallaqaafi dhiigaatiin alatti fuulduras waan barbaachisuhu hundaan raayyaa ittisaa cinaa  akka dhaabatan mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015