Godina Booranaa Barattoota Aanaalee sadii keessa Jiraataniif Deeggarsi Meeshaalee Barmootaa Taasifameef

91

Fulbaana 12.2015/TOI/- Godina Booranaa barattoota maatiinsaanii harka qalleeyyi aanaalee 3 keessa jiraataniif deeggarsi meeshaalee barmootaa taasifamuusaa waajjirri dubartootaafi daa’immanii godinichaa beeksise.

Raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsi dubartootaan taasifamus cimee itti fufuun isaas beekameera.

Itti gaafatamtuun waajjirichaa adde Alamituu Qaamphee deeggarsi barattootaaf taasifame dabtara, iskibiirtoofi irsaasa, boorsaafi meeshaalee ispoortii addaddaa, meeshaalee qulqullinaa akka ta’e ibsaniiru.

Waajjirichi maallaqa meeshaalee kanneen ittiin bite tola ooltota, hojjettoota mootummaa, dhaabbilee mit-mootummaafi kutaalee hawaasaa addaddaarraa akka argate ibsameera.

Deeggarsi kunis barattoota aanaalee caamsaan miidhaman keessa jiraataniifi maatiin isaanii harka qalleeyyii ta’an 600f yemmuu ta’u, deeggarsi taasifame birrii kuma 450tti akka tilmaamamu ibsaniiru.

Kana malees raayyaa ittisaa birmadummaa biyyaa kabachiisaa jiruuf dubartoonni godinichaa galaa kuntaala 33fi birrii kuma 450 deeggarsa taasisaniiru.

Dubartoonni godinichaa marsaa kanaan maallaqaafi deeggarsa addaddaa birrii kuma 950 tti tilmaamamu raayyaa ittisa biyyaaftaasisaniiru.

Deeggarsi addaddaa raayyaa ittisa biyyaafi harka qalleeyyotaaf taasifamu cimee akka itti fufus beeksisaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira barmootaa Godinichaa ob. Tasfaayee Waldamikaa’el, godinichatti bara kana barattoonni kuma 177 fi 158 barmoota idilee ni baratu jedhaniiru.

Amma ammaatti barattoota idilee galmaa’an kuma 142 fi 988 keessaa kuma 67 fi 700 dubartoota akka ta’an ibsaniiru.

Godinichatti Fulbaana 9/2015 irraa kaasee barnoonni sirna barnootaa haaraatiin eegalamuusaa yaadataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015