Godina Walloo Kibbaatti balaa konkolaataa mudateen lubbuun namoota 5 darbe.

84

Fulbaana 10/2015(TOI) - Godina Walloo Kibbaa aanaa Lagambootti balaa konkolaataan lubbuun namootaa 5 kan darbe yoo ta'u namoota 15 irra immoo balaa salphaafi cimaa gahuu Poolisiin beeksise.

Qajeelcha Poolisii Godina Walloo Kibbaatti ogeessii kominikeeshiniifi Miidiyaa itti aanaa Inspeektara Tasfaayee Kabbadaa akka TOItti himaniitti balaan kun kan qaqqabe har'a ganama yoo ta'uu konkolaataan fe'umsaa Sinootiraak jedhamu kan lakkoofsi gabatee isaa 3:/93269 ET ta'een magaalaa Makkanasalaam irraa namootaa gubbaatti fe'ee osoo gara Gisheen darba karbeetti ayyaana kabajuuf deemanii aanaa Lagambootti daandiirraa maquun bowwaa bu'eera.

Nmootaa miidhamaniif deeggarsi fayyaa hospitaala Aqistaatti taasifamaafii kan jiru yoo ta'u kanneen du'an immoo reeffi isaanii gara maatiitti ergamaa jira jedhaniiru.

Hawaasni konkolataa fe'uumsaatti karaa hin taaneen fe'amee deemuurra konkolaataa geejiba ummataa obsaan eegachuun akka ittiin imaalu gorsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015