Intarpiraayizoonni xixiqqaafi jiddugaleessaa lammilee kuma 148 carraa hojii uumaniiru.

69

Adoolessa 27/2014(TOI) - Bara bajataa darbe Intarpiraayizoonni xixiqqaafi jiddugaleessaa lammilee kuma 148'f carraa hojii uumuu Misoomni Itarpiraayizii Itoophiyaa beeksise.

Bara bajataa haaraa kana intarpiraayizootaa oomishaa kuma 4fi 62 hundeessuuf karoorfameera jedhameera.

Itti aanaan Daareekatarri olaanaa Misooma Intarpiraayizii Itoophiyaa Abdulfattaa Yusuuf raawwii hojii bara 2014 fi karoora hojii bara 2015 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Bara bajataa darbe Intarpiraayizootaa xixiqqaafi jiddugaleessaa misoomsuufi kanneen dura hundeeffamanii jiraniif deeggarsa gochuun hojiin milkaa'aa hojjetameera jedhaniiru.

Dameen hojii kun carraa hojii uumuufi oomishaalee biyya alaatii gala biyya keessaatti oomishuun sharafa alaa hambisuu keessatti gahee guddaa bahuus himaniiru.

Haaluma kanaan bara bajata darbe kanaIntarpiraayizoota haaraa kuma 2fi 761 kan hundaa'an yoo ta'u lammilee kuma 148 carraa hojii uumaniiru jedhaniiru.

Bara 2014 damee misoomaa kanarraa galiin doolaara miliyoona 31 argamuus himaniiru.

Bara 2015 hojiin xiyyeeffannoo guddaan damee kanaan hojjetamu sosochii ''Itoophiyaan haa oomishutu'' jedhuun oomishitummaa guddisuuf kan hojjetamu ta'uu himuun, intarpiraayizoota haaraa kuma 4fi 62 hundeessuuf karoorfamuu himaniiru.

Oomishitummaa Industirichaas gara harka 65 guddisuuf karoorfamuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015