Korporeeshinichi Xaa’oo biyyee geejibsiisee xumure

106

Adoolessa 25/2014(TOI) - Korporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Itoophiyaa bara omisha 2014/15’f xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona 12.8 biyya alaarraa bite guutummaatti gara buufata Jibuutiitti geejibsiisee xumuruu beeksise.

Marsaa 10ffaa fi isa xumuraan yuuriyaa kuntaala kuma 500 fe’ame kaleessaa Buufata Doonii Jibuutii ga’uu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Kana hordofees korporeeshinichi bara omishaa kanaaf xaa’oo biyyee ‘NPS’, ‘NPSB’ fi yuuriyaa biyyaa alaarraa bite hojiilee buufata doonii Jibuutiin ga’uu xumuruusaa beeksiseera.

Baatii Amajjiirraa eegalee xaa’oo buufata doonii ga’e keessaa hanga Adoolessa 24, 2014tti kuntaala miiliyoona 12 fi kuma 300 ol yookaan dhibbantaa 96 gara biyyaatti geejibsiifamuun qonnaan bulaaf dhiyaachaa jiraachuun eerameera. DhPI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015