Yunvarsiitiin Haramayaa qonnaan bultoota hongeen miidhamaniif sanyii filatamaa Birrii miiliyoona 17 baasu raabse

27

Waxabajjii 24/2014 (TOI) – Yunvarsiitiin Haramayaa Qonnaan Bultoota Godina Harargee bahaatti aanaalee 20 hongeen miidhamaniif sanyii filatamaa kuntaala kuma 3 fi 416 Birrii miiliyoona 17 baasu Itti Aanaa Pireezidaantii Dhimmoota Qorannoo Yunvarsiitichaa Dooktar Tasfaayee Lammaan himaniiru.

Sanyii filatamaan yunvarsiitichi raabse Qamadii, Xaafii fi Boqqoolloo ta’uu eerameera.Harargee Bahaatti sababa hongee muudateen Oomishni Waqtii Arfaasaa % 90 fi kan Waqtii Gannaa % 40 barbadaa’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Geetahuun Nigaatuun ibsaniiru.

Sanyii filatamaan kun qonnaan bultoota kuma 34 oliif gama Waajjira Qonnaan kan raabsamu ta’uu himameera.

Yunvarsiitiin Haramayaa bara kana qofa Birrii miiliyoona 24.5 ol baasii taasiisuun qonnaan bultoota hongeen miidhamaniif sanyii filatamaa raabsuu ibsameera.