Qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa bara 2014 Yuunivarsiitiiwwan keessatti kennama jedhame.

181

Waxabajjii 22/2014(TOI) - Qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa bara 2014 Yuunivarsiitiiwwan keessatti akka kennamu, Ministeerri Barnootaa beeksise.Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan, manneen barnootaa moodeelaafi sadarkaa 2ffaa magaaloota Hoosaa’iinaa, Waraabee fi Walqixxeetti argaman daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniins Piroofesar Birhaanuun hawaasaa fi barsiisoota manneen barnootaa kanneenii waliin marii taasiisan irratti qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa bara 2014 yuunivarsiitiiwwan keessatti akka kennamu beeksisaniiru.

Piroofesar Biraanuun qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa karaa 'onlaayinii' hanga kennamu eegalutti, qormaatichis yuunivarsiitiiwwan keessatti kennamu akka itti fufuu himaniiru.

Murtoon darbes hannaa fi waliin dhahiinsa qormaata hambisuuf kan murtaa’e ta’uu himaniiru.Kunis barattoonni barnoonni kan argamu hojiin ta’u beekuun, cimaani barachuu fi dubbisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ministeerrichi qulqullina barnootaa fooyyessuuf dameewwan barnootaa waliigalaa fi misooma barnoota olaanoo dabalatee, kanneen biroo irrattis tarkaanfii garaagaraa fudhachaa jiraachuu Piroofeesar Biraanuun himaniiru.

Piroofeesar Birhaanuun daawwannaa isaaniin booda biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabuaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015