Liigiin Dubartoota Paartii Badhaadhinaa yaa'isaa jalqabaa taa'uu jalqabe.

131

Waxabajjii, 22/2014(TOI) - Liigiin Dubartoota Paartii Badhaadhinaa yaa'isaa jalqabaa mata duree ''Hirmaannaa dubartootaafi fayyaadamummaa hunda galessaa badhaadhinaaf'' jedhuun magaalaa Hawaasaatti ta'amee jalqabeera.

Yaa'ii kanarratti Itti aanaa Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Fahaara, Pirezidaantii naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Lendaamoo, Pirezidaantii liigii dubartoota Paartii Badhaadhinaa aadde Masarat Masqalee, akkasuma koree hojii raawwachiifituufi jiddugaleessaa paartichaarrafi hoggantoonni liigichaa naannooleerraa hirmaataniiru.

Yaa'iin kun hanga Waxabajjii 24/2014 kan turu yoo ta'uu dhimmoota biyyaafi waqtaawwaa adda addaarratti ni mari'ata jedhamee eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015