Godina Wallagaa Lixaa Magaalaa Najjootti Manni barumsaa Bultii Addaa Najjoo Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 72 oliin ijaarame eebbifame.

123

Waxabajjii 21/2014(TOI) - Godina Wallagaa Lixaa Magaalaa Najjootti Manni barumsaa Bultii Addaa Najjoo Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 72 oliin ijaarame bakka Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa,Pirezedaantii Itti Aanaa Obbo Awwaluu Abdii, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa, Obbo Fiqaaduu Tasammaa,Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr Tolaa Bariisoo dabalatee keessummoonni biroo bakka argamaniitti eebbifameera.

Kana malees Siidaan Janaraal Taaddasaa Birruus guyyaa har'aa eebbifamuun Agarsiifni Suuraa gaggeeffameera.

Mannii Barumsa Bu'uura Boruu Magaalichatti ijaaruuf guyyaa har'aa dhakaan bu'uuraa ka'amuun ijaarsi isaa jalqabsiisaniiru.

Godina Wallaggaa Lixaatti pirojaktoonni garaa garaa 576 Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 8 hojjetaman keessaa 326 xumramanii tajaajila hawaasaaf banaa ta'aniiru.Kiyyaa Buleetu gabaase.

Maddi Odeeffannichaa OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015