Hospitaalli sadarkaa duraa Galaanaa birrii miliyoona 80 ijaaramee tajaajila laachuu jalqabe.

63

Waxabajjii, 21/2014(TOI) - Naannoo Oromiyaa godina Gujii aanaa Galaanaa magaalaa Toreetti birrii miliyoona 80 kan ijaarame hospitaalli sadarkaa duraa Galaanaa xumuramee tajaajila kennu jalqabuu isaa bulchiinsi aanichaa beeksiseera.

Ijaaramuun Hospitaalichaa gaaffii bara dheeraa jiraatota aanicha kan deebise ta'uu kan himan bulchaan aanichaa obbo Ayyalaa Denboo, Hospitaalichatti namoonni kuma 200 ol tajaajila kan argatan ta'uu himaniiru.

Hospitaalli sadarkaa duraa kun kan ijaaramee bajata mootummaan naannicha ramadeenis ta'uu himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015