"Itooophiyaan rakkoowwanshee bubbulan irraa hiikamtee daandii abdiirraa akka fuulduratti adeemtu qabsaa'aa jirra"

92

Waxabajjii 19/2014(TOI) - Itooophiyaan rakkoowwanshee bubbulan irraa hiikamtee daandii abdiirraa akka fuulduratti adeemtu qabsaa'aa jirra jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa doktar Abiyyi Ahimad.

Dhaalli rakkooshee inni darbe gidiraa keenya dheeressuuf nutti qabsaa'a jiras jedhan ergaa karaa fuula feesbuukii isaaniitiin dabarsaniin.

"Nutimmoo abdii keenya lalisiisuuf qabsoofna. Yoo rakkoo keenyaan liqimsamne nurratti moo'a. Yoo abdii keenyaaf qabsoofne nutu irratti moo'a." jedhan.

Dilbata kana hundi keenya waldanda'uufi waliin ta'uun akka moo'u haa kadhannus jedhan.

Egereen keenya ifa akka ta'ummoo, baanee biqiltuuwwan haa dhaabnus jedhan.

Rakkoon moo'amaan dhaalame nudhukkubsuu malee, numoo'achuu hin danda'us jedhan Dr.Abiyyi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015