"Tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu amantaa Ummanni mootummaarratti qabu cimsa"

74

Waxabajjii 16/2014 (TOI) – Tarkaanfiin Olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatamaa jiru amantaa Ummanni mootummaarratti qabu cimsa jedhan Miseensonni Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa.

Jijjiirama biyyaalessaa gufachiisuuf wantoota qormaata ta’aa jiran duuba harki garee shororkeessaa ABUT fi ergamtoota isaa jiraachuu Miseensonni Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa, obbo Tamasgeen Xirunahi, Awwal Aarbaa, Mallas Alamuu fi Saadaat Nashaan ibsaniiru.

Jijjiirama biyyaalessaa booda kiyyoo keessaa fi alaan dura diriifameen saamichii fi qabeenya barbadeessuun, walitti bu’iinsii sabaa fi amantaa,akkasumas lammiilee nagaa ajjeesuu raawwatamaa ture keessaa gareen shororkeessitootaa qooda olaanaa qabaachuu himaniiru.

Baroota darbeen rakkoolee nageenyaa uumameen lammiileen ajjeefamuu, buqqa’uu fi qabeenyi barbadaa’uu miseensonni kunneen eeraniirui.

Gama biraan gurmuuwwan al idileen saamichi, dirqiin gudeeduun, uggurrii fi yakkoon biro hedduun raawwatamaa turuu eeraniiru.
Akkaataa gaaffii ummataan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachisuu gaggeeffameen bu’aa jajjabeessan argamuu himaniiru.
Naannoo Amaaraatti weerara garee ABUT booda gurmaa’iinsa al idilee nageenya fi tasgabbii ummataaf sodaa ta’an irratti tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu gaggeeffameen hanni, saamichii fi sochiin seeraan alaa hir’achuu dubbataniiru.

Namoonni qaamolee nageenyaa ganan, manneen amala sirreessaa miliqan fi yakka ajjeechaan barbaaddaman gurmaa’iinsa al idilee kana keessatti kan argaman ta’uu eeraniiru.

Naannoo Oromiyaattis tarkaanfii fudhatameen gareen shanee iddoolee to’atee ture gadi lakkisiisuun danda’amuu himaniiru.
Naannolee lameenitti tarkaanfii fudhatameen nageenyi lammiilee mirkanaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Qala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhatamaa jiruun bu’aa gaariin argamuus kaasaniiru.

Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu nageenyaa fi tasgabbii ummataaf boqonnaa kan laate mootummaa fi ummata gidduutti wal amanuu kan uumee ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015