Waggoota 4 keessatti biqiltuu Biiliyoona 20 dhaabuuf karoorri qabame bara kana ni milkaa'a.

104

Waxabajjii 12/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad waggoota 4 keessatti biqiltuu Biiliyoona 20 dhaabuuf karoorri qabame bara kana ni milkaa'a jedhan.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Marsaa 4ffaa bara kanaatiin Biqiltuu Biiliyoona 6 dhaabuuf karoorfamuu Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad himaniiru.

Doktar Abiy Ahimad, karaa fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin ergaa dabarsaniin, sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin karoora kana milkeessuuf qophiin xumurameera jedhan.

Sagantaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaas Waxabajjii 14/2014’tti akka eegalu kan himan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad, Sagantaa kanaanis biqiltuun biiliyoona 7 fi miiliyooni 200 dhaabbiif qophaa’uu himan.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kanaanis lammiilee kuma 100 fi kuma 83 ta’aniif carraan hojii dhaabbii fi yeroo uumamuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015