Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti Siimpooziyeemiin qabeenya misooma Albuudaa gaggeeffamaa jira

65

Waxabajjii 11/2014 (TOI) – Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti qabeenya Albuudaa itti fufiinsaan misoomsuuf Siimpooziyeemiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

'Qabeenya Misooma Albuudaa Misooma waaraaf' mata duree jedhuun Siimpooziyeemii gaggeeffamaa jiru kanarratti Pireezidaantii naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee, akkasumas qooda fudhattoonni argamuu himameera.

Jijjiirramaa as qabeenya Albuudaa naannichaa bulchuurra darbe dargaggoonni naannichaa fayyadamoo akka ta’an taasiifamuu Pireezidaaniin naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan ibsaniiru.

Siimpooziyeemicharratti barreeffamni qorannoo misooma qabeenya Albuudaa waaraan misoomsuuf dandeessisan dhiyaachuun irratti mari’atamaa jiraachuu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015