Agarsiini suuraa fi mariin paanaalii “Waa’ee Itoophiyaa” Hawaasaatti eegalame

154

Waxabajjii 9/2014 (TOI) – Qopheessummaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin marsaa 4ffaaf agarsiisni suuraa “Waa’ee Itoophiyaa “ jedhu Magaalaa Hawaasaatti banameera.

Argisiisaa fi marii paanaalii kana Ministira Tuuriizimii Ambaasaaddar Naannisee Caalii, Pireezdaantii Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leddaamoo fi Hoji Gaggeessaa Olaanaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Obbo Geetinnat Taaddasaa eegalchiisaniiru.

Argisiisa suuraa kanaan bara 1950’ootaa fi 1960’ootaa kaasee, taateewwan siyaasaa Ityoophiyaa, gaaffilee ummataa kaa’an, wareegama birnadummaa biyyaaf kaffalamee fi qabeenya tuuriizimii Itoophiyaan walqabatee taateewwan biyyaalessaa ijoon dhiyataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015