Tajaajilli Baankii Dhiigaa fi Tiishuu Ityoophiyaa baatiwwan 11’n darbanitti Dhiiga Yuunitii kuma 313 walitti qabe

73

Finfinnee, Waxabajjii 8/2014 (TOI) – Tajaajilli Baankii Dhiigaa fi Tiishuu Itoophiyaa baatiwwan 11’n darbanitti Dhiiga Yuunitii kuma dhibba 3 fi kuma 13 fi 793 walitti qabuu beeksiiseera.

Guyyaan Arjooma dhiigaa yeroo 19ffaaf mata duree ‘dhiiga Arjoomuun hojmaata walummaatti’ jedhuun magaalaa Jigjigaatti kabajameera.

Kabaja guyyichaarratti tola ooltoota yeroo 37 hanga 70 dhiiga arjoomaniif beekkamtii fi badhaasni laatameera.

Tola ooltoonni fedhaan dhiiga arjoomaan sirna tajaajila fayyaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu Itti Aanaan Daayrektara olaanaa dhaabbatichaa obbo Haabtaamuu Taayyeen ibsaniiru.

Ganna dhufu hanqinni dhiigaa akka hin muudanneef hawaasni hirmaannaa isaa cimsee itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015