Balaan lolaa namaafi qabeenyarraan miidhaa akka hin qaqqabsiifne qophiin dursaa taasifamaa jira.

118

Waxabajjii, 6/20149TOI) - Finfinneetti balaan lolaa namaafi qabeenyarraan miidhaa akka hin qaqqabsiifne qophiin dursaa taasifamaa jiraachuu abbaan taayitaa daandiwwanii bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise.

Daarekatarri itti aanaa abbaa taayitichaa obbo Iyyaasuu Salamoon akka TOItti himanitti lolaan gaarreewwan naannawwaa magaalaa Finfinneerra humna guddaafi aarii cimaan dhufaan daandiwwaan magaalicharraan miidhaa gahaa jiru.

Kanaafis magaalichatti naannawwaa balaa lolaaf saaxilamoo ta'anitti daandiwwaan balaa lolaarra ittisuuf hojiiwwan dandeesisan xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu daarektarri itti aanaa abbaa taayitichaa obbo Iyyaasuu Salamoon himaniiru.

Osoo ganni hin galiin dura hojiin daandiwwaniifi riqichoota miidhaman suphuu, bo'oowwan lolaa balfaan duudaan qulqulleessuun hojjetamaa turuu himaniiru.

Haaluma kanaan baatiiwwan 11 darban kana bo'oofi ujummoowwan dhangala'aan keessa yaa'uu km 360 qulqulleeffamuu himaniiru.Hojiin kunis balaa lola ittisuuf qofa kan hojjetamee osoo hin taane nageenya daaddiwwanii eegufis jedhaniiru.

Abbaan Taayitichaa komishiinii hoggansa sodaa balaafi Ittisa balaa ibidaa waliin ta'uun bakkeewwan balaa lolaaf saaxilamoo ta'aan 41 adda baasuun 15f furmaata kan laate yoo ta'u, bakkeewwan 11tti immoo torbanoota dhufan lamaan keessaatti furmaanni ni taasifama jedhaniiru.

Nageenyaa daandiwwaanii eeguuf rakkoon hedduu akka jiru kan himan obbo Iyyaasuun balfa goggogaa ujummoo dhangala'aan keessa yaa'uutti gatuu, qarqara daandiitti meeshaalee ijaarsaa kuusuufi daandii miillaa irratti meeshaalee ijaarsaa kuusuun rakkoo jiranidha jedhaniiru.

Hawaasnis gochaawwan bala lolaa uumuu danda'an akkasirraa gochuu dhiisuufi kanneen raawwatanis humnoota nageenyaa waliin ta'uun akka seeraatti dhiheessaan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015