Walgahiin Komishinii Waloo Ministiroota Itiyoo-Naayijeeriyaa Finfinneetti taa’amaa jira

70

Waxabajjii 06/2014(TOI) - Walgahiin Komishinii Waloo Ministiroota Itiyoo-Naayijeeriyaa Finfinneetti taa’amaa jira.

Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad, biyyattitti daawwannaa hojii taasisaniin waliigalteewwan hariiroo biyyoota lameen cimsanirratti mari’ataniiru.

Waliigaltee taasisan keessaa tokko kan ta’e komishiniin waloo biyyoota lameenii dhimmoota garagaraarratti mariyachuuf Finfinneetti walgahiin akka gaggeeffamu murteessuun ni yaadatama.

Walgahii har’aatiinis biyyoonni lameen damee daldalaa, albuudaa, saayinsiifi teknolojii dabalatee dhimmoota garagaraarratti hariiroosaanii cimsuuf mari’achaa jiru.

Walgahiin Komishinii Waloo Ministiroota Itiyoo-Naayijeeriyaa 1ffaa ALA 2006 Finfinneetti kan gaggeeffame yoo ta’u, 2ffaan ALA 2017 Abuujaatti gaggeeffamuusaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015