Ministeerri galiiwwanii baatii Caamsaattii galii Birrii biiliyoonaa 26 ol walitti qabe

65

Finfinnee, Waxabajjii 4/2014 (TOI) –Ministeerri galiiwwanii baatii Caamsaa darbe qofa galii Birrii biiliyoonaa 26.9 ol walitti qabuu Ministirri Ministeerichaa Obbo Laaqee Ayyaalewu beeksisan.

Obbo Laaqeewu galii Birrii biiliyoona 26.6 walitti qabuuf karoorfate keessaa Biirri biiliyoona 26.902 walitti qabuun karooricha %97.23 milkeessuu himaniiru.

Raawwiin kun bara darbe yeroo walfakkaataan yoo walbira qabamu, birrii biiliyoona 8.960 yookaan %28.46 guddinaa akka argisiisee ibsanii, raawwiin kun gufuuwwan hedduu keessaatti galmaa’uun bu’aan isaa jajjabeessaa ta’uu dubbataniiru.

Galiin walitti qabames, taaksii biyya keessaaa fi taaksii daldala alaarraa ta’uu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015