Haleellaa shororkeessummaa Itoophiyaarratti aggaamamuuf ture fashaaleessuu keessatti gaheen biyyoota ollaa olaanaa ture

84

Waxabajjii3/2014(TOI) - Waltajjiin dhaabbilee nageenyaafi tasgabbii biyyaalessaa mata duree ”Shororkeessummaa ittisuun biyya keenya waloo kan taatee Itoophiyaa ni eegna" jedhuun taa'amaa jira.

Waltajjichaarratti Daarektarri Jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoofi Tika Nageenya Biyyaalessaa, Obbo Tamasgeen Xiruuneh haasaa taasisaniin haleellaa shororkeessummaa Itoophiyaarratti aggamamuuf ture fashaalessuu keessatti gaheen biyyoota ollaa olaanaadha jedhan.

Kanaafis gumaacha gaarii biyyoonni ollaa taasisaniif galatatu malaaf jedhan.

Yaa’ichi nageenyaafi tasgabbii biyyaalessaa, ardii Afriikaafi Idil-Addunyaarratti ni mari’ata jedhaniiru.

Hiikaan shororkeessummaa idil-Addunyaa hundarratti waliigaluu baatus addunyaan shororkeessummaarratti hubannoo waloo qabdi jedhan, Obbo Tamasgeen.

Itoophiyaan biyyoota shororkeessummaa dursaanii fashaalessuun beekaman keessa ishee tokkos jedhan.DhPI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015