IGAD qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu beeksise.

78

Waxabajjii 02/2014(TOI)- IGAD biyyoota naannawichatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu beeksise.

IGAD barsiisota buufata qubannaa godaantootaatti barsiisaniif leenjii ijaarsa ga’umsaa kennuu beeksiseera.Sagantaa leenjichaanis leenjifamtoonni 45 Itoophiyaa, Yugaandaa fi Sudaan keessaa babba’an argamuu beeksiseera.

Kana duras barsiisota 607’f leenjiicha kennuus ifoomeera.Kanumaan Itoophiyaarraa 206, Sudaan 201 akkasumas Yugaandaarraa 200 leenjicha fudhachuu himameera.

Leenjichis damee sirna barnootaa, deeggarsa, kalaqa jireenyaafi odeeffannoo teeknooloojii irratti kan xiyyeeffate ta’uus beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015