Weerara busaa ittisuuf keemikaa biifuufi agoobara dhiheessuun qindoominaan hojjetamaa jira

174

Caamsaa 30/2014(TOI) - Weerara busaa ittisuuf keemikaala farra busaa biifuufi agoobara dhiheessuun qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Minsteerri fayyaa beeksise.

Maariyyeen jaldeessa gara Itoophiyaa akka hin galleef ofeeggannoo cimaan taasifamaa jiraachuus ministeerichi beeksiseera.

Ministeerichi Instiitiyuutii fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa waliin ta'uun dhimma weerara dhibee busaa, koronaafi Maariyyee jaldeessaarratti miidiyaaf ibsa laateera.

Deetaan minstira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa akka himanitti,Naannoo Kibbaa, Kibba lixaa Itoophiyaa, Oromiyaafi Amaaraatti weerarrii dhibee busaa dabaluu isaa odeeffannoowwan jiran ni agarsiisu.

Baatiiwwan kurnan darbaniitti namoota qorannoon dhibee busaa irratti taasifame miiliyoona 5.9 keessaa kanneen miiliyoona 1.3 ta'aan irratti dhukkubichi argameera.

Kunis yeroo walfakaata bara 2013 waliin yoo madaalamu harka 16 caalmaa qabaachuu agarsiisa jedhaniiru.

Deetaan ministirichaa akka jedhanitti, sababaan weerarri kun dabaleef haalli qilleensaa walhormaata bookee busaaf mijatu jiraachuu,Naannolee hongeen miidhamanii turanitti bokkaan roobuu, weerara dhukkuba kana ittisuurratti dagaannaa hawaasaadha .

Bakkeewwan rakkoon nageenyaa jirutti agoobaa haala barbaadamuun argachuu dhabuunis weerarichi akka babbali'atu haala mijeessera jedhaniiru.

Yeroo ammaa qoricha yaala dhukkuba busaa namootaa miiliyoona 4.5 gahuu rabsameera jedhaniiru.

Agoobaraa ittisa busaaf fayyaduus miiliyoona 2.9 bituunis rabsamaa jirachuu himuun meeshaalee yaalaa fayyaa qorannoo dhukkuba busaaf barbaachisan adda addaas rabsamaa jirachuu himaniiru.

Gama biraan yeroo ammaa waa'ee vaayirasii koronaarratti of dagannaan cimaa akka jiru himuun,kun immoo baay'iinni namoota vaayirasii kanaan qabanii akka dabaluu carraa uumeera jedhaniiru.

Maariyyeen jaldeessa haga ammaatti biyyoota 30 olitti argamuu kan himan doktar Darajjeen haga ammaatti Itoophiyaatti argamuu isaa ragaan muli'isuu hin jiru jedhaniiru.

Dhukkubni kun gara biyyaa akka hin galleef hojiin ofeeggannoo dursaa hojjetamaa jiraachus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015