Baankiin Addunyaa Itoophiyaatti naannawaa Gammoojjiifi hanqinni roobaa jirutti bishaan lafa jalaa misoomsuuf deeggarsa Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 210 kenne.

63

Caamsaa 30,2014(TOI) - Baankiin Addunyaa Itiyoophiyaatti naannawaa bishaan lafa jalaa baay’inaan argamutti hanqina bishaaniifi naannawaa Gammoojjitti bishaan lafa jalaa misoomsuunifi faayidarra oolchuuf deeggarsa Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 210 kennuun himame.

Maallaqichis naannawaa hanqinni roobaa jiruutti bishaan lafa jala misoomsuun bishaan dhugatiifi saaniteeshiniif akkasumas misooma jallisiif oolchuufi pirojeektiwwan bocaman ittiin raawwachuuf kan oolu ta’a jedhameera.

Hoggansiifi ogeeyyiin Ministeera Bishaaniifi Inarjii jila Baankii Addunyaa waliin har’a mari’ataniiru.

Sadarkaa Ministeera Deetaatti Gorsaan Ministira Bishaaniifi Inarjii, Obbo Mootummaa Maqaasaa deeggarsichi lammiilee hanqina roobaa qabaniifi hongeen miidhamaniif kan ooluu ta’uu himuun, Ministeerri Bishaaniifi Inarjiifi Ministeerri Jallisiifi Misooma Naannawaa Gammoojjii pirojeektiwwan kanneen kan gaggeessan ta’u himaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015