Obbo Dammaqaan deeggarsa namoomaa gara Naannoo Tigraay ergamu saffisiisuuf tattaaffii taasiifamaa jiru daawwatan

73

Finfinnee, Caamsaa 27/2014 (TOI) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin deeggarsa namoomaa gara Naannoo Tigraay ergamu saffisiisuuf tattaaffii taasiifamaa jiru naannoo Afaar Keellaa Sardootti argamuun daawwataniiru.

Daawwannicharratti Pireezidaantii naannichaa Obbo Awwal Aarbaa dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannolee argamuu ibsameera.

Obbo Dammaqaan mootummaan deeggarsa namoomaa gara naannichaatti argaman saffisiisuuf tattaaffii hunda galeessaa taasiisaa jiru cinaatti, meeshaaleen gareen ABUT kaayyoo badiif oolchu akka hin dabarre xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015