"Jarman marii biyyaalessaa Itoophiyaa deeggaruuf qophiidha"

72

Finfinnee, Caamsaa 25/2014 (TOI) – Jarman marii biyyaalessaa Itoophiyaa deeggaruuf qophii ta’uu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jarman Isteefan Awar ibsan.

Rakkoolee keessoo Itoophiyaatti mul’atan furuuf mariin biyyaalessaa barbaachisaa ta’uu Ambaasaaddar Isteefan ibsaniiru.

Marichi hunda kan hirmaachisee fi hammate ta’uun gaaraagartee jiru mariin furuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf gargaara jedhaniiru.

Mariin biyyaalessaa Itoophiyaa rakkoolee bu’uuraa biyyattii hiikuuf filannoo gaarii ta’uu kaasuun, Jamaniif gaaffiin yoo dhiyaate adeemsa marichaa deeggaruuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Hariiroon Itoophiyaa fi Jarman cimee itti fufuu fi Itoophiyaan deeggartuu tarsiimawaa Jarman ta’uu addeessaniiru.

Deeggarsa misoomaan Jarman deeggartuu ijoo Itoophiyaa ta’uu fi nageenya waaraa Itoophiyaa kan barbaaddu ta’uu dubbataniiru.

Abbootiin qabeenyaa Jarman dameewwan misoomaa biyyattii garaagaraarratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015