Raadiyoon hawaasa Yuunivarsiitii Dirre Dawaa FM 104.5 eebbifamuun tamsaasa yaali jalqabe.

118

Caamsaa 25/2014(TOI) - Yuunivarsiitiin Dirre Dawaa kan ijaarsisee buufanni Raadiyoo hawaasa Yuunivarsiitii Dirre Dawaa FM 104.5 eebbifamuun tamsaasa yaalii jalqabe.

Buufata Raadiyoo hawaasa kana eebbisuun kan hojii jalqabsiisan Kantiibaa bulchiisa magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Jawaarfi Pirezidaantii Yuunivarsiitii Dirre Dawaa Ubaahi Adam dha.

Obbo Kadir Jawaar sirna eebbaa kanarratti ergaa dabarsaniin buufanni Raadiyoo hawaasaa kun hawaasaaf odeeffannoo sirrii ta'e ariitiin gahuun hojii misoomaafi nageenyaa jalqabame caalaatti milkeesuu keessaatti gahee guddaa qaba jedhaniiru.

Raadiyoon hawaasaa kun hojii magaalaa Dirre Dawaa magaalaa jiddugala daldalaafi Indastirii Itoophiyaa bahaa taasisuuf hojjetamu keessatti gahee olaanaa bahuu danda'a jedhaniiru.

Ebbaa buufata Raadiyoo hawaasaa kanarratti hoggantoonni bulchiisa magaalaa Dirree Dawaa, Ijaarsaa buufaticha kan raawwatee hoggantoonnii FBC fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015