Ministeerichi deeggarsa midhaan nyaataa birrii miiliyoona 3tti tilmaamamu taasise.

88

Caamsaa 24/2014(TOI) - Ministeerri Bishaan fi Inarjii Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa Godina Daawurootti lammiilee hongeen miidhamaniif kan oolu deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 3’tti tilmaamamu taasise.

Deeggarsichi bakka Ministiirri Bishaan fi Inarjii Dr Injinar Habtaamuu Ittafaa, Pireezidaantii Itti aanaa Mootummaa Naannichaa Dr Injinar Nagaash Wageeshoo fi Bulchaan olaanaa Godina Daawuroo Dr Makuriyaa Balaachoo dabalatee hoggantoonni olaannoo Naannichaa fi Godinichaa argamanitti Magaalaa Tarcaatti walharkaa fudhinsa taasisaniiru.

Godina Daawuroo aanaalee shan keessatti hongee muudateen namoonni kuma 100f kuma 86 fi beelladoonni kuma 46 miidhaaf saaxilamuu odeeffannoo Bulchiinsa Godinichaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015