Balaa ibiddaa magaalaa Daseetti mudateen namoonni 6 kan miidhaaman yoo ta'u, manneen jireenyaafi daldalaa 31 gubataniiru.

96

Caamsaa 23/2014(TOI) - Balaa ibiddaa magaalaa Daseetti mudateen namoonni 6 kan miidhaaman yoo ta'u, manneen jireenyaafi daldalaa 31 guutummaatti gubachuu Poolisiin beeksiseera.

Qajeelcha poolisii magaalaa Dasee bufata poolisii 1ffaatti itti gaafatama kan ta'e Inspektar itti aanaa Xilaahuun Faantayyoo TOI tti akka himanitti, balaan ibiddaa halkan keessaa saatii 6 ka'ee qabeenyaa fi namarratti miidhaa geesiseera.

Bakka balaan ibiddaa itti mudate kanatti meeshaaleen dullomaniifi manneen dullooman baay'inaan waan jiraniif to'achuun baay'ee rakkisaa ta'us hirmaanna uummataan gara biraatti osoo hin darbiin to'achuun danda'ameera jedhaniiru.

Qorannoo haga ammaatti taasifameesnis balaa ibiddaa kanaan namoota 6 irraa miidhaan salphaafi jabaan gaheera.Manneen jireenyaa 24 fi kan daldalaa 7 guutummaatti balaa ibiddaa kanaan gubachuus himaniiru.

Sababaan ka'umsa balaa ibiddaan kun maal akka ta'ee baruuf qindoominaan qorannoon taasifama jirachuus himaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015