Mootummaan Naannoo Oromiyaa mana Kitaabaa Abrihoot'f kitaabilee gosa garaagaraa kuma 20 ol gumaache

77

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (TOI)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa mana Kitaabaa Abrihoot'f kitaabilee gosa garaagaraa kuma 20 ol gumaacheera.Naannichi Kitaabilee akaakuu 24 kan gumaache yoo ta'u, Kitaabileen kumni 13 fi 260 kan Seenaa, Afaanii, Aartii, Aadaa, Duudhaafi Safuu Oromoorratti katabamaniidha jedhamera.

Naannoon Oromiyaa mata duree ‘Kitaaba miiliyoona, dhaloota barkumeef’ jedhuun kitaabilee Afaan Oromoo fi Ingiliziin barreeffaman kuma 20 ol gumaacheera.

Sirna gumaacha kitaabaa kanarrattii Kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanacha Abeebee,sadarkaa itti aanaa pireezidantiitti qindeessaa kilaastara Hawaasummaa naannoo Oromiyaa obbo Adullahakiim Muluu fi qaamooleen gumaacha kitaabicharraattii qooda qaban argamuu ibsameera.

Dhaloota beekumsaan qarame ijaaruu keessattii qaamoolee dhuunfaarraa eegale gumaachi taasifamaa jiru jajjabeessaa ta’uu Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Gumaachi mootummaan naannoo Oromiyaa taasises kaka’umsa kan uume ta’uu himaniiru jechuun FBC gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015