Dargaggoonni Afrikaa rakkoolee Ardichaa dura dhaabbachuun furmaata isaarratti xiyyeeffachuu qabu

76

Caamsaa 17/2014 (TOI) –Dargaggoonni Afriikaa rakkoolee Ardichaa dura dhaabbachuun furmaata isaarratti xiyyeeffachuu akka qaban Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan.

Walga’iin dargaggoota Paan Afriikaa 2022 Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Waltajjicharratti Obbo Dammaqaan, har’a miira Paan Afriikaan wayita walitti qabamnu Afriikaa ammallee hiyyumma keessa jirtu hiyyummaa keessaa baasuuf waliin hojjechuuf ta'uu qaba jedhaniiru.

Dargaggoonni Afriikaa haalli mijataan hin jiru jedhanii rakkoolee sodaachuurra irratti qabsaa’uun barbaachisaadha himan.

Beekumsa hedduu Afriikaan qabdu fayyadamuun badhaadhinaa fi guddina isheef dargaggoonni gahee isaan irraa eegamu bahachuu qabus jedhaniiru.

Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergogee Tasfaayeen gama isaaniin, daragaggoonni miidiyaalee hawaasummaa sirnaan fayyadamuun tokkummaa Afriikaaf qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru.

Ummata Afriikaa keessaa %65 dargaggoota waan ta’aniif, kana fayyadamuun waan hedduu jijjiiruu dandeenya jedhaniiru.

Bara 2063tti Afriikaa badhaate uumuuf karoora qabame milkeessuuf dargaggoonni Afriikaa mul’aticha deeggaruu cinaatti, walitti hidhamiinsaa fi tokkummaa uumuu akka qaban ministirittiin eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015