Naannoo Afaaritti Godaambaan Luusii ijaaramuufi

179

Finfinnee, Caamsaa 15/2014 (TOI) – Naannoo Afaar bakka hambaan lafee dhala namaa Luusii argamee naannawaa Ada’ar jedhamutti Godaambaan Luusii ijaaramuuf ta’uu Biiroon Aadaa fi Tuurizmii naannichaa beeksiseera.

Itti Gaafatamaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii naannoo Afaar obbo Ahimad Abdulqaadiir hambaan Luusii bakka argame naannawaa hadaaritti ijaarsa Godaambaa Luusii eegaluuf hojiin dizaayinii isaa xumuramuu himaniiru.

Ijaarsi muuziyemichaas dhiyeenyatti kan eegalu yoo ta’u, naannichi Ministeera Tuurizmii fi Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee Ityoophiyaa waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Muuziyemichi yaa’iinsa tuuristii naannichaa guddisuu fi faayidaa diinagdee dabaluuf gumaachi isaa murteessadha jedhame.

Naannoon Afaar mootummaa federaalaa waliin ta’uun proojektii “Fantaallee hanga Eertaallee” jedhu qopheessuun naannawaalee kanneen tuuristootaaf mijataa taasisuuf hojiin diyaaspoora hirmaachisuu eegalamuu obbo Ahimad himaniiru.

Yaa’iin tuurizimii biyyaalessaa 10ffaan magaalaa Samaratti gaggeeffamaa turuun kan yaadatamuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015