Naannoo Amaaraatti hojii olaantummaa seera kabachiisuu hojjetamaa jiruun shakkamtoonni kumni 4 ol to’ataman

129

Caamsaa 15/2014 (TOI) - Tibbana duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffameen shakkamtoonni kumni 4 ol to’annoo seeraa jalaa oolfamuu Biiroon Buulchiinsaafi Nageenyaa Naannoo Amahaaraa beeksiseera.

Biirichi haalaa yeroo naannichaa ilaalchisuun ibsa kenneera.Itti Gaafatamaan Biirichaa obbo Dassaalany Xaasawu ibsichaan akka eeranitti, mootummaan hojii nageenyaa waaraa naannichaa mirkaneessuuf hojjetu cimsee kan ittifufuudha.

Hanga ammaatti hojii olaantumma seeraa kabachiisuutiin shakkamtoonni yakkootaa garagaraatiin shakkaman kuma 4 ol to’annoo seeraa jala oolu himaniiru.

Shakkamtoota kanneen keessaa 40 ol mana murtiitiin kan itti murtaa’eefi 210 ammoo ajjeechaadhaan kanneen shakkaman ta’uu himaniiru.

Yeroo ammaa kanneen seeraan ala ta’an to’achuuf sochii taasifamuun alatti nageenyi naannichaa sadarkaa amansiisarratti kan argamu ta’uu dubbataniiru.

Mootummaan nageenya naannichaa itti fufiinsaan mirkaneessuuf hojii isaa cimsee kan itti fufu ta’uu Obbo Dassaalany himaniiru.

Maqaa Faannoo isa sirri kan bakka hinbuune, maqaa Faannootiin gurmaa’anii gareewwan gochaa seeraan alaa ummatarratti raawwatan mootummaan obsa kan hinqabneef ta’uu ibsaniiru.

Miseensonni Faannoo caaseffama mootummaa jalatti akka hojjetan taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015