Diyaaspooraan manneen barnootaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruuf deeggarsa akka taasisuu waamichi taasifame.

74

Caamsaa 15/2014(TOI) - Manneen barnootaa sababa weerara garee shororkeessaa ABUT'n miidhaman deebisanii ijaaruuf diyaaspooraan deeggarsa barbaachisu akka taasisuu Ministirri Barnootaa Piroofesar Biraanuu Naggaa waamicha taasisani.

Piroofesar Biraanuu waamicha kana kan taasisaan Ingilizitti imbaasii Itoophiyaa waliin ta'uun marii hayyootaa, qoratootaafi barsiisoota dhaabbilee barnootaa olaanoo Landaan waliin ta'aanirrattidha.

Piroofesar Biraanuun haasaa marii kanarratti taasisaniin, sadarkaa hundaatti fooya'insi damee barnootarratti taasifamaa jiru biyyaa fooyyee qabdu dhaloota dhaalchisuuf bu'uura kan kaa'udha jedhaniiru.

Hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf Itoophiyaa keessaatti hojjetamu ogeeyyoonni diyaaspooraa ta'anis deeggarsa taasisuu qabu jedhaniiru.

Gama biraan rakkoowwan biyyatti iddoo adda addaatti umamaniin manneen barnootaa miidhaan irra gahe deebisanii dhaabuuf yaalii taasifamaa jiru diyaaspooraanis akka deeggaru waamicha taasisuu isaanii ragaan Ingilizitti Imbaasii Itoophiyaarra argame ni muli'isa.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015